Caffeen Oromiyaa Yaa’isaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC)- Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 2ffaa Waggaa 1ffaa bara hojii Caffee 6ffaa gaggeessuu eegaleera.

Yaa’ichi galma Abbaa Gadaatti har’aa fi boruu ni gaggeeffama jedhameera.

Abbootiin Gadaas yaa’icha eebbaan saaqaniiru.

Yaa’ii Caffee gaggeeffamurratti wixineewwan labsii sadii jechuun Wixinee Labsii Bulchiinsa Dhaabbiilee Misoomaa, Wixinee Labsii  Buusaa Gonofa,fi Wixinee Labsii Gaachana sirnaa yeroo ta’an kana malees Wixiinee Danbii Gurmaa’inaa fi Sirna Hojimaata Miseensoota Caffee Naannoo filannoof dhiyaatee irratti ni mari’atamaan eegama.

Yaa’ii kanarrattis dhimmi nagaa fi tasgabbii naannoo Oromiyaa, qaala’iinsa jireenyaa komii hawaasaa ta’aa  jiruu fi carraa hojii dargaaggootaa babal’isuf hojiiwwan hojjetamuu qabanirratti caffeen mari’atee kallattii ni kaa’an eegama.

Kana malees muudamni garagaraa ni raggasifamaan eegama.

Daagmaawii Deeksisaa, Gammachiis Tarikuu, Afwarqi Alamuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment