Caffeen Oromiyaa yaa’ii idileesaa 11ffaa bara hojii 5ffaa Guraandhala 10 fi 11 taa’un dhimmoota garagaraatti ni mari’ata

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2012 (FBC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii idileesaa 11ffaa bara hojii 5ffaa Guraandhala 10 fi 11 taa’un dhimmoota garagaraatti ni mari’ata.

Dhimmi olaantummaa seeraa fi nageenyaatti bal’inaan akkaa mar’atu af yaa’iin Caffee Oromiyaa aaddee Loomii Badhoo ibsa laataniiru.

Af yaa’iitiin yaa’ii Caffee boru eegaluu sababeefachun Midiyaaleef magaalaa Adaamatti ibsa kennaniiru.

Caffeen Oromiyaa kurmaana lamaan darban keessaa hojirraa oolmaa karoora kallattiiwwan yaa’ii 10ffaan taa’aani turan hojii too’annoo fi hordofii rawwataa ture jedhan aaddee Loomiin.

Baajanii bara kanaaf ragga’ee ture Biriin biliyoonni torbaamatti siquu keessaa kan kurmaana lamaan darbani hagam hojjirra akka oolees hordoofaa tureera jedhan.

Koreewwan idilee 8 Caffeen hundaa’an turan godinoota 6, magaalota 4 fi gandoota aanaaleetti hordoofii fi daawwi dirree gochuun hanqinootni akka sirraa’an duub deebii kenna gamaaggamaa ture jedhaniiru.

Akkaa duudhaa ummataa Oromoottis rakkinootni keessaa fi alaa yommuu mudatan duudha sirna Gadaatin akkata itti furamuu dandahanirraatti abbooti Gadaa, Hayyoolee Yuunvaarsitii fi qaamolee hawaasaa garagaraa waliin hojii hojjatameen milkaa’aa ture jedhan.

Nageenyii Oromiyaa akka mirkanaa’uuf mariiwwan godinaalee Oromiyaati taasifama turan dabalataan Naannoolee waliinif mariin taasifame bu’a qabeessaa ture jedhan.

Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 11ffaa boru eegaluun raawwii qaamolee rawwachiiftuu haqinaa fi ciminoota turanirraati gaabasni Itti aanaa preezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Shimalis Abdisaan dhiyaachuun miseensoonni caffee irratti mari’atu jedhaniiru.

Dabalaatanis caffeen Oromiyaa turtiwwaan guyyoota lamaatiin wixineewwaan labsi 6 fi muudamoota garagaraas ni raggaasisaan eegama.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment