Caffeen Oromiyaa, Yaa’ii Idilee 3ffaa Waggaa 1ffaa Bara Hojii 6ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Caffeen Yaa’ii Idilee 3ffaa Waggaa 1ffaa Bara Hojii 6ffaa gaggeessuu eegaleera.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa,Obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa Raawwii hojii bara 2014 Yaa’ii Idilee 3ffaa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaaf dhiyeessaa jiru.
Bara oomishaa 2014 keessa Inisheetivii Qamadiin milkaa’inni olaanaan argameera.
Hojii kunuunsa qabeenya Uumaamaan biqiltuuwwan biiliyoona 4.8 qophaa’e keessaa hanga ammaatti biqiltuuwwan biiliyoonni 3.2 ol dhaabbateera.
Guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 69 dhaabuun danda’ameera.
Biqiltuun Bunaa miiliyoonni dhibbi 9 fi miiliyoonni 72 hanga ammaatti dhaabbateera.
Tajaajila lammummaan hojiin Birrii Biiliyoona 49 olitti tilmaamamu raawwatameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment