Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 14ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa Adooleessa 9 -10,2013 kan gaggeessu ta’uu ibsame.
Ya’iichi rawwii hojii bara darbee sadarkaa naannootti hojjetamaa turan gamagammuun kallattii hojii bara 2014 ni kaa’a jedhamee eeggama.
Yaa’ii gaggeeffamuuf jedhu ilaalchisee Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoon miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Bara darbe sadarkaa naannootti dhimmoota gurguddaa sadii irratti xiyyeeffanoon hojjetamaa turuu fi dhimma seera tumuu waliin walii qabate labsiin 10 fi dambiiwwan 5 raggasiisun akka hojiirra taasiifamuu aadde Loomiin ibsaniiru.
Ergamaa fi duub deebii kennuudhaan hojiiwwan rakkoo bulchinsa gaarii turan akka fooyya’an taasifameera jedhan.
Yaa’iichi waltajjii marii Adoolloeessa 9 -10, 2013 gaggeessuun wixineewwan labsii baajataa bara 2014 fi wixinee labsii mana murtii aadaa ba’ee ni raggaasiisa jedhamee eegama jedhan.
Adooleessa 8, 2013 miseensonni Caffee godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti biqiltuuwwan gosa garaagaraa kan dhaaban ta’uu aadde loomiin himaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gaabase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.