Caffeen Oromiyaa wixinee labsii sirna Buusaa Gonofaa murteessuuf baheerratti mari’ataa jira

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 2ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 6ffaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeessaa jiruun wixinee labsii sirna Buusaa Gonofaa murteessuuf baheerratti mari’ataa jira.

Aadaa fi duudhaa walgargaarsaa uummanni oromoo sirna Gadaatiin dhalootaa dhalootatti dabarsaa dhufe caalmaatti cimsuu fi dagaagsuu waan barbaachiseef labsiin kun hojimaata seeraa akka qabaatu taasisuuf ta’uu  ibseera koreen dhaabbii dhimmoota hawaasummaa caffee Oromiyaan ibsa dhihaataa jirun.

Hawaasni tajaajila lammuummaan aadaa walgargaarsaa sirna Gadaa keessatti qabu fayyadamee baraa dheeraaf duudhaa gabbifateen yeroo rakkoo fi  gammachuu walbira dhaabbataa turuu fi  ammas yeroo biyyi fi Oromiyaan rakkoo uumamaa fi namtolcheef saxilamaa jirtutti rakkoo kana furuuf  hawaasni naannichaa fedhii fi kaka’umsa walgargaarsaa agarsiisaa waan tureef sirna gurmaa’insaa fi hojjmaatasaa seeraan diriirsuun barbaachisaa tahee waan argameef aadaa fi duudhaa kana dagaagsuuf gahee guddaa ni qabaa jedhan miseensoonni caffee marichaan.

Balaan akka hin daqqabne ittisuu yommuu daqqabu miidhaa lubbuu fi  qabeenyarra gahuu malu baraaruu , dandamachiisuuf,  deebisanii dhaabuuf, barbaachisaa tahee waan argameef dhimmoota kanaan walqabataniin akkaataa Heera mootummaa naannoo Oromiyaa Fooyya’ee bahe labsii lakkoobsa 46/1994 keewwata 49(3)n labsichi akka ragga’uuf barbaachisuu ibsameera.

Wixinichi adeemsa bulchiinsaa, akkaataa miseensonni itti horotaman ,dhimma umurii miseensa Buusaa Gonofaa qajeeltoowwanii fi danbiiwwan mara Kan qabatee ta’uu eerameera.

Kanaan walqabatee komishinii hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaarratti jijjiramni moggaasaa ni jiraata jedhamee eegama.

Gammachiis Taarikuu, Daagmaawii Deeksisaa fi Afwarqi Alamuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment