Caffeen Oromiyaa wixinee labsii manneen murtii Aadaa hundeessuuf qophaa’erratti marii gaggeessaa jira

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC)- Caffeen Oromiyaa, wixinee labsii manneen murtii Aadaa hundeessuuf qophaa’erratti marii gaggeessaa jira.

Waltajjicharrattis Afyaa’iin Caffee Oromiyaa , abbootii Gadaa, ogeessota Seeraa fi waldaalee hawaasaa adda addaa argamuun mari’achaa jira.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo, barbaachisummaa waltajjichaa wayita ibsan, Oromoon sirni ammayyaa osoo hin dhufiin dura sirna siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa isaa ittiin gaggeeffatu kan mataasaa qaba ture jedhan.

Aadde Loomiin wixineen Labsii kunis, Duudhaa Oromoo ganamaa sana deebisee dhaabuuf kan qophaa’e ta’uusaas ibsaniiru.

Kanaaf, wixineen kun qulqullina isaa eeggatee  fayyadamummaa ummata keenyaa karaa mirkaneessuu danda’uun galteewwan wixinicha gabbisuu danda’an walitti qabuuf dhimmamtoota waliin mari’achuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

Wixinichi dhimmamtootaaf dhiyaatee mariin irratti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Caffeerraa argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment