Caffeen Oromiyaa Muudama Kaadhimamtoota Abbootii Seeraa 320 raggaase

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Muudama Kaadhimamtoota Abbootii Seeraa 320 raggaaseera.

Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Muudama Kaadhimamtoota Abbootii Seeraa 320 Caffeef dhiyeessaniiru.

Kaadhimamtoota dhiyaatan keessaa, Mana Murtii Waliigalaaf Abbootii Seeraa 8, Mana Murtii Olaanaaf 25 fi Mana Murtii Aanaaf 287 waliigalaan muudama kaadhimamtoota Abbootii Seeraa 320 ragga’uu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Abbootiin seeraa muudamni isaanii ragga’es Caffee fuulduratti dhiyaatanii hojii isaanii haqummaa, amanamummaafi itti gaafatamummaa olaanaan bahachuuf waadaa galaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment