Caffeen Oromiyaa mallattoo fi bakka bu’aa uummata Oromooti – Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC) – Caffeen Oromiyaa mallattoo fi bakka bu’aa uummata Oromoo ta’uu Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ibsan.

Jijjiirama dhufe hordofee Caffee uummata naannichaa daran bakka bu’u, mallattoo uummata ta’uun caalmaan tajaajiluufi ergama uummata naannichaan itti kenname ga’umsaan akka bahatu hojjetamaa turuu eeraniiru.

Waggoottan lamaan darban keessatti hojiiwwan riifoormii diijitaalaa, loogoofi biraandiingii addatti Caffeen ittiin beekamu xiyyeeffannoon addaa itti kennamee bifa haaraan hojjetamaa turuu Aadde Sa’aadaan ibsaniiru.

Hojiiwwan Riifoormii Diijitaalaa, Loogoofi Biraandiingii hojjetamaa turan hojiirra ooluu kan danda’u ta’uu gamaaggama gaggeeffameen mirkanaa’uu Aadde Sa’aadaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment