Caffeen Oromiyaa Loogoo haaraa ifoomse

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Caffeen Oromiyaa Loogoo, Biraandiingii fi Faaruun haaraa ifoomse.

Afyaa’iin caffee oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan akka ibsanitti loogoo, biraandiingii fi Faaruun Caffee Oromiyaa haaraan, aadaa, duudhaa fi eenyummaa ummata irraa kan madde, caalmaan ammoo qorqalbii Oromummaa kan giddugaleeffate, heeraa fi qajeeltoowwan seeraa irratti hundaa’uun jijjiirama biyyaafi naannoo waliin tarkaanfachuu haala dandeessisuun kan hojjetamedha.

Loogoo, Biraandii fi Faaruu Caffee bifa haaraan qophaa’e har’arraa eegalee tajaajila kennuu eegaluu beeksisan.

Caffee ummata Oromoo madaaluu fi fayyadamummaa ummata mirkaneessuuf riifoormiiwwan garaa garaa jalqabne itti fufsiisuun hojii ummata keenya madaalu hojjechaa jirras jedhaniiru.

Hojiiwwan riifoormii diijiitaalaa hojjetamaa turan keessaas, Loogoo, Biraandiingii fi Faaruu Caffee hayyoota muuxannoo olaanaa qaban hirmaachisuun qorannoon deeggaruun hojjetame ifatti tajaajila eegalchiisuus himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment