Caffeen Oromiyaa Adoolessa 18 eegalee yaa’ii idileesaa ni gaggeessa

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) – Caffeen Oromiyaa Adoolessa 18,2012 eegalee yaa’ii idileesaa ni gaggeessa.

Caffichi yaa’ii idilee 12ffaa, waggaa 5ffaa, bara hojii 5ffaa isaati kan gaggeessu.

Gorsaan olaanaa af-yaa’ii Caffee Oromiyaa obbo Haabtaamuu Damisseen akka beeksisanitti yaa’ichaan ajandaaleen addaddaa kan ilaalaman ta’a.

Gabaasa raawwii karoora bara 2012 qaamolee mootummaa, akkasumas karoora qaamolee mootummaa kan bara 2013 irratti mari’atee ni raggaasisaan eegama.

Wixineewwan labsii addaddaa dhiyaatanii irratti mari’atamuun ni ragga’us jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment