Caffeen manneen hojii Caffeef itti waamamanii gamaaggamaa jira

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC)- Caffeen karooraa fi raawwii hojii qaamolee raawwachiiftuu, qaama abbaa seerummaa mootummaa naannichaa fi manneen hojii Caffichaaf itti waamamanii ni gamaaggamaa jira.
Caffeen hojii hordoffii fi to’annoo karaa koreewwan dhaabbii isaatii ni hojjeta jedhameera.
Tooftaaleen hordoffii fi to’annoon ittiin gaggeeffamus, karooraa fi baajata jalqaba waggaa irratti raggaase ilaalchisee hojiirra oolmaa isaa gabaasawwan qaamolee mootummaa fi manneen hojii Caffeef itti waamaman irraa dhiyaatan yeroo seeraan ta’eef keessatti qorachuun gamaaggama kan gaggeessu.
Koreewwan Dhaabbii Caffee saddettan jiranis bu’uura seeraan taa’e kana irratti hundaa’uun manneen hojii seeraan qoodamanii kennamaniif (isaaniif itti waamaman) karooraa fi raawwii hojii isaanii kurmaana kurmaanaan gamaaggamuun duubdeebii kennu.
Kana malees, waggaatti yeroo 2 raawwii hojii misoomaa gadi bu’uun kan daawwatanii fi qaamolee hawaasaa waliin marii kan taasisan yommuu ta’u, tibbanas koreewwan jiran garee saddetiin godinaalee 8tti gadi bu’uun daawwannaa hojiiwwan misoomaa gaggeessuun isaanii ni yaadatama.
Har’arraa eegalees, manneen hojii dhimmi ilaallatu waliin raawwii hojii gama misooma magaalaan, hojiiwwan misooma baadiyyaan, kenniinsa tajaajila haqaa fi bulchiinsaaf seeraan, hawaasummaan, bu’uuraalee misoomaan, to’annoo baasii mootummaan, bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajila ummataan jiru, akkasumas, fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneessuun walqabatee raawwii walakkaa waggaa bara kanaa qorachuu irratti akka argamu ragaan Caffee Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment