Caffeen labsii zoonii diinagdee addaa Gadaa bahe irratti mar’achuun raggaasise

Finfinnee, Gurrandhala 11, 2012 (FBC) – Caffeen Oromiyaa zoonii diinagdee hundeessuuf wixinee labsii zoonii diinagdee addaa Gadaa bahe irratti mar’achuun raggaasise.

Zooniin diinagde kun godina Shawaa bahaa aanaa Lumee gandoota 13 fi aanaa Adaamaa gandoota 2 of keessatti hammata.

Zooniin diinagdee addaa Gadaa kun lafa heektaara kuma 24 kan uwwisu yoo ta’u, invastaroot biyya keessaa fi alaafillee hawwata gaarii uuma jedhame.

Zooniin diinagdee addaa Gadaa kun sadarkaa abbaa taayitaatti kan caaseffame yoo tahu, itti waamamni isaa boordii hundeeffamuuf ta’a.

Zoonii diinagdee adda Gadaa keessatti hojiiwwan akka daldala bilisaa, paarkii industirii, buufata bilisaa, paarkii saayinsii fi teeknooloojii, aagroo prosasiingii, iddoo jireenya jiraattootaa fi kanneen biroo kan of keessatti hammatudha.

Zoonii diinagdee kana keessatti dhaabbileen tajaajila hawaasummaa kennan kanneen akka manneen barnootaa, tajaajila fayyaa fi hawaasummaa biroollee of keessatti qabata jedhameera labsii ragga’een.

Dabalataan Caffichi labsii sirna qophii wixinee seeraa mootummaa naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe irratti mari’atee raggaasiseera.

Seeronni wixineeffaman qulqullina, iftoomina, fudhatamummaa fi raawwatamummaa akkasumas, bifa walfakkaatun akka hojjetaman taasisuudhaa fi rakkoolee hojii qophii wixinee seeraa keessatti mul’achaa turan bu’uura irraa furuu sirna dandeessisu diriirsuun uwwisa seeraa akka argatu taasisuudhaf wixinichi kan qophaa’e jedhameera.

Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 11ffaa kaleessa Adaamaatti eegalee har’as itti fufuun wixineewwaan labsii foyya’anii bahanii fi kanneen haarawa bahanirrati galma Caffeetti mar’ataa jira.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment