Caffeen baajata dabalataa 2015 Birrii biiliyoona 13.7 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 4, 2015 (FBC)- Caffeen Wiixee labsii baajata dabalataa bara 2015 Birrii biliyoona 13.7 raggaasise.

Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 5ffaa guyyaa 2ffaaf gaggeessaa ooleera.

Yaa’icharratti baajatni dabalataa Birrii biiliyoona 13 fi miiliyoona 780 ol akka ragga’uuf wixineen dhiyaateera.

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Baajataa fi To’annoo Horataalee Mootummaa Caffee, barbaachisummaa baajataa dabalataa ilaalchisuun ibsa kenneen, hojiileen misoomaa hawaas-diinagdee naannichaa dabalataan raawwachuu, qaala’iinsa jireenyaa, nageenyaa fi dhimmoota dirqisiisoo biroon sababa baajata dabalaan barbaachisan ta’uu eerameera.

Bara 2015 keessa hanqina baajataa galii idilee karooraa bajataa ol walitti qabameen, galii keessoo manneen hojii, haftee baajataa aanalee fi tireezharii mootummaa, baasii motummaa federaalaa fi naannoon akksumas maddeen faayinaansii amanamoon kan uwwifame ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan baajataa dabalataa Birrii biiliyoona 13 fi miiliyoona 780 fi kuma 135 fi 734 dabalataan sagalee caalmaan raggaasiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment