Finfinnee, Amajjii 2, 2017 (FMC)-Cabiinsa damee barnootaatiin jiru waldhaanuu keessatti gaheen dhaabbilee miti-mootummaa olaanaa ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.
Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, sirna kabaja hundeeffama nuusa jaarraa Fandii Kunuunsaafi Guddisa Daa’immanii ECF irratti hirmaataniiru.
Dhiibbaa gaarii dhaabbatichi fidaa jiru arguuttis heddu gammaduu ibsan.
Fandiin Kunuunsaa fi Guddisa Daa’immanii ECF hundeeffama isaa irraa kaasee daa’imman saaxilamoo ta’aniif barnoota, eegumsa fayyaafi soorata dhiyeessuudhaan hawaasa naannawa Alaltuutiif abdii guddaa uumuu himaniiru.
Hojiin tola-ooltummaa akka kanaas fayidaa har’a daa’immanii fi hawaasa naannichaatiif argamsiisu cinaatii, ilaalcha mootummaan keenya egereen sabichaa barnoota jedhuun tarkaafachiisuun kan walsimuudha.
Akka Mootummaa Naannoo Oromiyaattis hojiin barnoota irratti hojjetamu, egeree dhalootaa fi biyyaatiif bu’uura waan ta’eef hangafummaa kennuun irratti hojjetaa kan jiran yoo ta’u, cabiinsa damee barnootaatiin jiru waldhaanuu keessatti gaheen dhaabbilee miti-mootummaa akka ECF jiran olaanaa ta’uu kaasaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaabbilee miti-mootummaa akka ECF hawaasa gargaaruu qofaaf dhaabbatan, humna qabu hundaan deeggaruu fi dirqama irraa eegamu kamuu bahachuuf qophii ta’uu ibsanii, tajaajilaa fi hojii gaarii ECF lammii irratti taasisaa turee fi jiruuf maqaa kiyyaa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia