Cabiinsa barnootaa bu’uuraarraa jijjiiruuf hojjetamaa jira-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC)- Cabiinsa damee barnootaan biyyattii mudate bu’uuraarraa jijjiiruuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad himan.

Dooktar Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ibsa kennaniin manneen barnootaa idileen duraa kumni 30 ijaaramuu kaasanii, barattoonni hedduunis sagantaa nyaata barattootaan fayyadamtoota ta’uu dubbataniiru.

Sirnii barnootaa hirmaachisaa akka ta’uuf keessattuu manneen barnootaa qaroo dhabeeyyii ijaaramuun tajaajilaaf ga’uu ibsaniiru.

Jijjiiramaa as Yuunivarsiitiin ijaarame akka hinjirre eeruunis, garuu barnootaa idilee duraa fi oolmaa daa’immanirratti xiyyeeffachuun hojii jajjabeessaan hojjetamuu kaasaniiru.

Manneen Barnoota Bultii Addaa fi Teeknikaarratti bifa addaan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Dabalataan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Damee fayyaan hojiilee hojjetaman ilaalchisuun ibsa kennaniin, sadarkaa biyyaalessaattii weeraraa Dhibee kooleeraa ittisuuf talaalliin miiliyoonaa 10 kennamuu ibsan.

Weerara dhibee Gifiraa ittisuuf aanaalee 58tti talaalliin akka kennamee fi busaa Ittisuufis Agoobarri raabsamuu kaasnaiiru.

Keessumaa Dhiyeessii qorichaan walqabatee qorichaalee duraan alarraa galaan kan biyyaa keessan bakka buusuun fayyadama oomishaa qorichaa biyyaa keessa %36tti fguddisuun akka danda’me himaniiru.

Fedhii dhiyeessii qorichaa jiru guutuufis dandeettii qorichaa aadaa fayyadamuu fi hojiirraa oolchuuf kan xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan hojiin hospitaalota guguddaa tajaajilaa bal’aa kennuu danda’anii babal’isuu kan gaggeeffamu ta’uu ibsanii, caalmaan hawaasni dhibee mudateen yoo eessatti wal’aaname fayyuu akka danda’uu beeksisuuf hojiin hubannoo gabbisuu hojjetamauu akka qabu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment