Cabiinsa barnootaa bu’uura irraa furuun hojii yeroon itti kennamuu miti – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Sadaasa 16, 2016 (FBC) – Gumiin tiraanisfoormeeshinii barnootaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffameera.

Gumichi bakka Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan argamanitti gaggeeffameera.

Hojiin uummata naannichaa diinagdeen cimsuu, sirna cimaa ijaaruufi barnootaafi teeknooloojiin gahoomsuu galma godhatee hojjechaa jiru milkeessuuf cabinsa barnootaa bu’uura irraa furuun hojii yeroon itti kennamuu qabu akka hin taane Pireezidaant Shimallis Abdiisaan hubachiisaniiru.

Cabinsa barnootaa nu qunname sirreessuuf Gumiin Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa sadarkaa Naannootii hanga Aanaatti ariitiidhaan akka hundaa’u kallattii kaa’aniiru.

Jalqabniifi xumurri waa hunda barnoota waan ta’eef hooggansi sadarkaan jiru hojii barnootaaf dursa kennee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Haaluma kanaan manneen barnootaa hundaaf qindeessaan hooggansa siyaasaa kan ramadamuuf ta’uus himaniiru.

Gumiin tiraanisfoormeeshinii barnootaa kun murtoowwan garaa garaas dabarseera.

Murtoowwan darban bu’uura godhachuunis gumiin waliigalaa sadarkaa hundatti akka hundaa’afi maatii barataa, barsiisaafi barattoota waliin ariitiidhaan mariin akka gaggeeffamu Pireezidaanti Shimallis kallattii kaa’aniiru.

Gumiin tiraanisfoormeeshinii barnootaa kun rakkoo barnootaa keessatti jiru furuun qulqullina barnootaa fooyyeessuuf yaadamee akka ta’e Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Barisoo himaniiru.

Motummaan diinagdeefi sirna cimaa ijaaruuf karoorfatee hojjechaa jiru milkeessuuf dhaloota ga’uumsa qabuufi dorgomaa ta’e horachuuf gumiin tiraanisfoormeeshinii barnootaa sadarkaa hundatti kan hundaa’e ta’uus ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment