Bu’uuraaleen misoomaa sadarkaa qulqullinaa barbaadamuu akka qabaatan hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Sadarkaa biyyaalessaatti bu’uuraaleen misoomaa ijaaraman sadarkaa qulqullinaa barbaadamu akka qabaataniif hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa ibse.

Waltajjiin marii qorannoo hojiirra oolmaa invastimantii bu’uuraalee misoomaa qulqullina qaburratti xiyyeeffatee gaggeeffameera.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Caaltuu Saaniin, bu’uuraalee misoomaa qulqullina isaa eeggatee misoomaa waaraamagaalotaaf, guddina diinagdee fi eegumsa naannawaaf bu’uura ta’uu himaniiru.

Haa ta’u malee, Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran hedduun bu’uuraalee misoomaa qulqullina qaban gama dhiyeessuutiin rakkooleen akka mudatan ibsaniiru.

Qaamolee dhimmichi ilaallatu gidduu qindoominnii fi waldubbisuun jiraachuu dhabuun, itti fayyadamni teeknooloojii gadaanaa ta’uu fa’aan rakkoolee eeraman ta’uu dubbataniiru.

Qorannoon idilee fi yeroo isaa eeggatee jiraachuu dhabuun, hanqinni ogummaa kontiraaktarootaa fi gorsitootaa, barnoonnii leenjii fi gochaarratti bu’uureffate jiraachuu dhabuun, hanqinni meeshaalee ijaarsaa fi qala’iinsi gatii, sirni galmeessaa ijaarsaa fi bulchiinsi pirojektoota ijaarsaa laafuun, hanqina qulqullinaaf gumaachi isaanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf ijaarsii fi babal’isi bu’uuraalee misoomaa guddina diinagdeef gahee ijoo damee bahatu ta’uun qulqullina fooyyessuuf mootumman hojjechaa jiraachuu ibsuu ragaan ministeerciharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment