Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Bu’uuraalee Misoomaa gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraree turetti barbadeesse deebisanii ijaaruuf deeggarsa lammii hundaa kan barbaadu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Afaar bakkeewwan weeraraan qabatee turetti bu’uuraalee misoomaa hedduu barbadeessuu fi saamuu ministirri Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawit Kaasaa ibsaniiru.
Dhaabbilee kenniinsa tajaajilaa garee shororkeessaan kun barbadeessee fi saame deebisanii ijaaruuf baasii Birrii biiliyoona hedduu kan gaafatu ta’uu kaasaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an kanneen deebisanii ijaaruuf Ityoophiyaanonnii fi michuuwwan Ityoophiyaa hundi tumsuu akka qaban gaafataniiru.
Maddi:- TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.