Finfinnee, Eebila 2, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee iddoo addaa Impeeriiyaal jedhamuun beekkamutti sarara daddabarsa elektirikaa lafa keessa awwaallamee jiru kiiloo meetira 1.2 dheeraturra miidhaan qaqqabuu Tajaajilli Elektiriikii magaalichaa beeksiseera.
Sararri daddabarsaa kun maallaqatti yoo tilmaamame Birrii miiliyoona 6 fi kuma dhibba 1 fi kuma 57 fi 911 ta’uu ibsameera.
Sararicha deebisanii suphuuf baasii Birrii miiliyoona 7 fi kuma dhibba 4 fi kuma 4 fi 152 gaafata jedhame.
Miidhicha kan qaqqabsiise proojektii daandii naannichatti hojjetamaa jiru ta’uu eerameera.
Sababa kanaan hundhuura Boolee Hoteela Iskaaly Laayitii hanga Atilaasitti tajaajilli humna Elektirikaa adda citee ture hirmaannaa cimaa taasiifameen tajaajilchi eegaluu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.