Bu’uuraale Misoomaa Teeknooloojii  Infoormeeshin Koominikeeshinii haala ammayyeessuun danda’amurratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC)- Bu’uuraale Misoomaa Teeknooloojii  Infoormeeshin Koominikeeshinii haala ammayyeessuun danda’amurratti mariin gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan Ityoophiyaatti hojii Raawwachiisaa Olaanaa Hiwaawee waliin haala bu’uuraalee misoomaa  teeknooloojii  infoormeeshin koominikeeshinii waajjirichaa ammayyesuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Waajjirri ministeerichaa bu’uuralee misooma teeknooloojii  infoormeeshin koominikeeshinii isaa ammayyeesuu fi odeeffannoowwan damee bishaanii fi inarjii fayyadamtootaaf dhiyeessuuf hojiimaatasaa si’eessuuf fedhii qabaachuu Dooktar Injinar Habtaamuun marichaan ibsaniiru.

Dhaabbanni Hiwaawees yaada furmaataa dhiyeessuun deeggarsa akka taasisuuf gaafachuu isanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Hoggantoonni dhaabbatichaa gamasaaniin, bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii infoormeeshin koominikeeshinii waajjirichaa haala kamiin yoo ammayyaa’e bu’aa qabessa ta’uu danda’a kan jedhuuf hojii dhaabbilee mootummaa biroo keessatti hojjetan bu’uureffachuun yaada kan dhiyeessan ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment