Buusaa Gonofaan baatiiwwan arfan darban miseensoota miiliyoona 9 ol horachuu ibse

Finfinnee, Mudde 15, 2016 (FBC)- Buusaa Gonofaa Oromiyaan baatiiwwan arfan darban miseensoota miiliyoona 9 ol horachuu beeksiseera.

Hogganaa Itti Aanaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Tafarii Bayyanaa Faana Biroodkaastingi Korporeetiif ibsa kennanniin, baatiwwaan arfan darban Buusaa Gonofaan hojiilee garaagaraa hojjechuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan baatiiwwan arfan darban hojiilee hubannoo uumuu bal’inaan gaggeeffameera jedhan.

Miseensota miiliyoona 5 fi kuma 590 horachuuf karoorfameen baatiiwwan arfan darbanitti miseensoota miiliyoona 9 ol horachuun akka danda’ame eeraniiru.

Yeroo ammaas waliigalaan miseensota miiliyoona 21 ol horachuu akka danda’ame kaasaniiru.

Gama biraattin hojii gumaata walitti qabuutiin Birrii miiliyoona 511 ol dabalataan miidhaan kuntaala kuma 35 ol miseensotarraa walitti qabamuu ibsaniiru.

Sagantaa nyaata barattootaan, baratoota miiliyoona 7.5 oliif guyyatti si’a tokko nyaanni dhiyaacha jiraachuu Obbo Tafariin himanii Birrii Biiliyoona 5 fi miiliyoona 200 ol sagantichaaf baasii ta’uu eeraniiru.

Darbee darbee sagantichaan walqabatee hanqinni qabeenyaa kan mul’atu ta’us, hanqina kana furuuf Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin qindoominaan hojjetama jira jedhan.

Balaawwan uumamaa fi namtolchee qaqqabaniif namoota deeggarsi hatattamaa barbaachisuuf Mootummaa Fedeeraalaa fi Naannoo waliin ta’uun ji’oota arfan darban namoota miiliyoona 1.3 oliif deeggarsi taasifamuu eeraniiru.

Rakkoolee Naannoo Oromiyaatti mul’atan waarinaan furmaata kennuuf Abbootiin qabeenyaa, ummanni miseensa ta’uun tumsa barbaachisaa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment