Buuqqaatoota naannoo Tigraay iddotti deebisu fi dhaabuuf Koreen ni hunda’a- Dooktar Abiy

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) –Buuqqaatoota naannoo Tigraay iddotti deebisu fi dhaabuuf Koreen ni hunda’a jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy qaamoolee hawaasa garaagaraa naannoolee Tigraayi fi Amaaraa irraa walitti dhufan waliin mari’ataniru.
Haala itti wal tumsuun danda’amu irratti abbootii amantaa, hawaasa daldalaa fi hayyoota naannolee lamaan mariisisan.
Maricha irratti anga’oota feederaalaa fi naannolee dabalate, koree namoota 15 hammate qindaa’ee hojiileef haala mijeesa jedhan Dooktar Abiy toora feesbuukii isaani irratti barreeffama maxxansaniin.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment