Buuffanni sakkata’insaa Ityoo-Keeniyaa walqunnamsiisu eebbifame

Finfinnee, Amajjii 9, 2013 (FBC ) –Buuffanni sakkata’insaa Ityoo-Keeniyaa walqunnamsiisu eebbifame.
Buufatiicha eebbisiisuun tajaajilaaf banaa kan taasisan Daayreektarri Olaanaan Eejansii Immigireeshinii Lammummaa fi Galmeessa Ragaalee obbo Mujiib Jamaal buuffanni akka kanaa naannoo daangaa irra jiraachuun sochii lammiilee si’eessuu, daddabarsa namoota seeraan alaa ittisuu fi carraa hojii uumuuf gahee guddaa qabaa jedhaniiru.
Buufaticha Eejansiin Immigireeshinii Lammummaa fi Galmeessa Ragaalee IOM Ityoophiyaa waliin ta’uu kan ijaarame ta’uu ibsameera.
Haaluma walfakkaatun fuula duratti buuffanni sakkata’iinsa haaraan Gambeellaa, Beenishaanguul Gumuuzii fi Somaaleetti kan ijaaramanii fi eebbiofaman jiraachuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment