Buufatni konkolaataa Amboo ebbifame

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Buufatni konkolaataa Amboo ebbifame.

Buufatichi Birrii miiliyoona 100 oliin kaaremeetira kuma 20 irratti ijaarrame.

Buufatni konkolaataa magaalaa Ambootti ijaarrame kun guyyaatti konkolaattota 700 fi imaltoota kuma 10 keessummeessuu danda’a.

Gamoowwan buufaticha keessatti ijaarraman galii maddisiisuun, of bulchuuf isa gargaara jedhameera.

Ji’atti galii Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 50 argamsiisuu ni danda’as jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment