Buufatichi guyyaatti konkolaattota fe’umsaa 150 ol keessummeessaa jira jedhame

Finfinnee, Mudde 11, 2015(FBC)- Buufanni gogaa Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dawaa guyyaatti konkolaattota fe’umsaa 150 ol keessummeessaa jiraachuu Tajaajilli Geejjiba Galaanarraafi Loojistikii ibse.

Naannawaan daldalichaa dhiyeessitootaafi fayyadamtoota kan walquunnamsiisu ta’uu  Hojii Raawwachiisaa Olaanaan tajaajilichaa obbo Roobaa Magarsaan ibsaniiru.

Tajaajiloota naannawaa daldalichaatti kennaman keessaa tokko tajaajila loojistikii ta’uu ibsuun, buufatni gogaa ammayyaan ijaaramuu addeessaniiru.

Naannawaa daldalichaa keessatti bu’uuraaleen misoomaa loojistikii tajaajila daldalaa bilisaa kennu ni jiraata jedhaniiru.

Naannawaan Daldalaa Bilisaa Dirree Dawaa dhiyeenyatti tajaajila argachuu dandeessisuurra darbee sharafa alaa argamsiisuufi carraa hojii uumuurratti faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa naannawaan daldalichaa guyyaa guyyaatti konkolaattota 150 ol keessummeessuun tajaajila loojistikii si’ataa kennaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment