Buufataaleen Teeleeviizyiinii Dhaabbilee Amantaa hanga Hagayyaa 13, 2014 eeyyama akka fudhatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Buufataaleen Teeleeviizyiinii Dhaabbilee Amantaa hanga Hagayyaa 13, 2014 galmaa’uun eeyyama akka fudhatan waamichi dhiyaateera.
Buufataaleen kunneen fedhii hordoftoota amantaa hubachuun barsiifataa fi lallaba isaanii karaa miiyaaleen qaqqabsiisuuf eeyyama tajaajila Biroodkaastiingii fudhachuu akka qaban hubachiiseera.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa akkaataa labsii lakkoofsa 1238/2013 keeyyata 40 muraa 3’n aangoo laatameef bu’uura godhachuun Waxabajjii 27, 2014 eegalee buufataalee Teeleeviizhii amantaalee galmeessaa jiraachuu eereera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment