Buufataa fi terminaala Kombolchaa haalasaa duraatti deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Buufataa fi terminaala Kombolchaa haalasaa duraatti deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsame

Buufatichi miidhaan waraanaan erga irra ga’een booda hojii suphaa bu’uuraalee misoomaa fi maashiniiwwanii hojjetameen akkasumas hojjettoota xiinsammuun qopheessuu hojjetameen guutummaan guutuutti tajaajila kennuu eegaluu Hojii Raawwachiisaan Tajaajila  Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikii obbo Roobaa Magarsaan ibsaniiru.

Buufatichi Amajjii 12,2014 irraa eegalee ajaja maamiltootasaa fudhachuun akka ka’umsaatti Konteenariiwwan 106 kan fudhate ta’uu fi konteenariiwwan muraasni buufaticha ga’uu eeraniiru.

Buufatichi bakka buufate meeshaalee alatti ergamanii fi alaa galanii ta’uu kaasaniiru.

Buufatichi haala kanaan duraarra amanamummaan, kutannoo fi tajaajila guutuu kennuu eegaluu ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment