Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Miseensoonni Poolisii Federaalaa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti Kookeeyiin sammuu namaa hadoochu to’atannaa jala oochuu ibsaniiru.
Namoonni dhuunfa lammummaa Naayijeeriyaa qaban ka’umsa isaanii Biraaziil-Saa’ooppoolo taasisuun Ityoophiyaarran gara biyyoota garaagaraatti raabsuuf kan turan baala sammuu nama hadoochuu Kookeeyiin kiiloo giraama 42 daddabarsaa turan to’atamaniiru.
Buufata xiyyaaraa Booleetti sakattoo taasifameen to’annaa jalaa oolu buufatichatti qindeessaan to’annoo baala sammuu namaa haadochuu Inispeektar Addisuu Balaanii ibsaniiru.
Namoonni dhuunfa kunneenis buufata xiyyaaraa keessatti hokkora kaasuu fi hojjettoota waliin walitti bu’uun miliquuf yaalaniis to’annaa jala oolaniiru jedhaniiru.
Haaluma walfakkatuun ka’umsa ishee Biraaziil Saa’ooppoolo ga’umsashee Ityoophiyaarran Dubaay taasisuun Kookeeyiin kiilo giraama 21 fi giraama 380tti madaalaan qabachuu kan argamtee lammiin Biraaziil to’atamuu inspektarichi ibsaniiru.
Haaluma walfakkatuun guyyoota 15 keessaatti Kookeeyiiniin kiilo giraamni 63 fi giraamni 380 to’annaa jala ooluus eeruu ragaan Poolisii Federaalaarra argame ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.