Buufata Mojootti hojiin qorannaa vaayrasii koroonaa eegalamuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2012 (FBC) – Buufataa fi tarminaala Mojootti hojiin qorannaa vaayrasii koroonaa eegalamuun ibsame.
 
Buufatichi meeshaalee alatti ergamanii fi alaa galaniif jiddugala ta’ee tajaajilaa jiraachun ni beekama.
 
Dhaabbanni Geejiba Galaanaa fi Tajaajila Loojastiiksii akka beeksisetti hojiin qorannaa kun Biiroo Fayyaa Oromiyaa waliin qindoomudhaani kan eegalame.
 
Buufatichatti konkolaachistoonni konkolaattota fee’umsaa jajjaboo, ergitootaa fi fichisiistonni, traanziitaroonni meeshaalee dadarsan, hojjettoonni dhaabbatichaa fi kan biroon ni argamu.
 
Biifaan keemikaalaa weeraricha ittisuuf gaggeeffamaa jiraachunis eerameera.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment