Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Buufata Gogaa fi Tarminaala Mojoo gidduugala Loojastiikii taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojastiiksii Ityoophiyaa beeksiise.
Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojastiiksii Ityoophiyaa buufataalee bulchu 8 keessaa tokko Buufata Gogaa fi Tarminaala Mojooti.
Yeroo ammaa Buufata Gogaa fi Tarminaala Mojoo gidddugala Loojastiksii taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu himameera.
Itti gaafatamaan Buufata Gogaa fi Tarminaala Mojoo obbo Darajjee Miidhaksaan tajaajila meeshaalaa alaa galchuu qofa osoo hin taanee oomishaalee saamsuun gara alaatti erguun daldalaa alaa guddisuuf hojii dandeessiisu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajila teeknooloojiin deeggarame laachuuf hojiin babal’isuu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Hannaa fi qisaasa’ina oomishaalee gara alaatti ergaman irra ga’an hambisuuf shoora guddaa qabaachuu kaasaniiru.
Buufatichi tajaajila ga’umsa qabu akka laatuuf hojiin babal’isuu Doolaara Miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50 hojjetamaa jiraachuu obbo Darajjeen ibsaniiru.
Buufanni Gogaa fi Tarminaalli Mojoo meeshaalee alaa galan % 80 kan keessummeessudha jedhame.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.