Buufanni socho’aa raabsaa elektirikaa magaalaa Waldiyaa fi naannawaasheef tajaajila laachaa ture garee shororkeessaa ABUTiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Buufanni socho’aa raabsaa elektirikaa abbaan kiiloo vooltii 230/33/15 magaalaa Waldiyaa fi naannawaasheef tajaajila laachaa ture garee shororkeessaa ABUTiin buqqaafamee fudhatamuu ibsame.

Buufanni socho’aa raabsaa elektirikaa kun guutumaan guutuutti buqqaafamee fudhatamuu garee ogeeyyii Humna Elektirika Ityoophiyaan mirkanaa’eera.

Buufatichi buufata raabsaa waldiyaa duraanii abbaa vooltii 66 dabalatee sarara magaalota Waldiyaa, Cifraa, Siiriinqaa, Saanqaa, Wurgeessaa, Wucaalee, Gubbaalaaftoo, Qaaliim, Gubaayyee, Haaraa, Roobiit, Qobboo, Giiraanaa fi Yuunvarsiitii Waldiyaa kan qabu ta’uu eerameera.

Gareen shororkeessaa kun buufata socho’aa kana dabalatee tiraanisfoormeriiwwanii fi zayita Tiraanisfoormarii fudhachuu ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment