Buufanni raabsaa elektiriikaa Bishooftuu tajaajilaaf qophii ta’e

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) – Buufanni raabsaa elektiriikaa Bishooftuu tajaajilaaf qophii ta’e.
 
Buufatichi Doolaara ,iiliyoona 25 oliin kan ijaarrame yoo ta’u raabsaa humna olaanaa abbaa kiiloo vooltii 400/230/15ti.
 
Humni Elektiriikaa Ityoophiyaa akka beeksisetti raabsichi ijaarramee xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’eera.
 
Hoji gaggeessaan proojaktichaa obbo Daawiit G/igzi’aabheer akka beeksisanitti hojiin sakattoo fi yaalii guutummaan xumurameera.
 
Buufata raabsaa Aqaaqii – Galaan; abbaa kiiloo vooltii 400/230 hanga buufata raabsaa Bishooftuu; kiilo meetira 46 dabarsi sarara elektiriika olaanaa abbaa kiiloo vooltii 400 hojjetameera.
 
Tiraanisfoormaroonni raabsaa abbaa meegaa vooltii ampiira 600 fi meeggaa voolt ampiira 50 dhaabameera.
 
Buufatichi Bishooftuu fi naannawa isheetti indaastirootaa fi jiraattotaaf dhiyeessii humna elektiriikaa guutuuf tajaajila.
 
Buufatichi sarara cimdii galu abbaa kiiloo vooltii 400 fi sarara cimdii lama abbaa kiiloo vooltii 230 fi sarara ba’u 10 abbaa kiiloo vooltii 15 qaba.
 
Hojicha kan hojjete dhaabbata Hindii Laarsan eend Tuuburoo jedhamudha.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment