Buufanni madda anniisaa Takkazee har’a hojii eegale

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Baatiwwaniif tajaajila dhaabee kan ture buufanni madda anniisaa Takkazee har’a hojii eegaluu Humni Elektiriikii Ityoophiyaa beeksiise.

Buufatichi sararri guddaan kuusaa biyyaleessa waliin walquunnamsiisuu adda cituu isaan anniisaa maddisuu dhaabuun isaa kan yaadatamuudha.

Hojiin suphaa sarara daddabarsa humnaa Takkazee fi Maqalee walquunnamsiisuuf taasiifamaa ture xummuramuun yeroof siistamaan osoo wal hin quunnamin ofiin of to’achuun anniisaa laachuu eegaluu himameera.

Buufatichi yeroo ammaa Yuunitiiwwan qabu afur keessaa lamaan anniisaa meeg Waatii 108 maddisiisuu eegaleera.

Tajaajilli Elektirikii Kamisa darbee eegalee naannoo Tigraayitti adda citee ture buufanni kun anniisaa maddisiisuu jalqabuu isaan har’aa eegalee jalqabeera.

Buufanni madda anniisaa Takkazee Yuunitiiwwan 4 anniisaa meegaa waatii 300 maddisuu akka danda’u taasiifamee kan ijaarrame ta’uu Humni Elektiriikii Ityoophiyaa beeksiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment