Buufanni madda anniisaa Awaash 3ffaan yeroof tajaajila dhaabe

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Buufanni madda humna elektirikaa Awaash 3 yeroof tajaajila dhaabuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Buufatichi balaa lolaa Hagayya 23, 2012 eegalee mudateen yeroof tajaajila dhaabuu hojii gaggeesseen Humna Elektirika Ityoophiyaa Buufata Awaash 2 fi 3 obbo Disaasaa Glmeessaan ibsaniiru.
 
Balaan lolaa fi Aramaan imbooccii laga Awaash mudate Qooqaa, buufata humna anniisaa Awaash 2 fi 3 muudachuu akka danda’u sodaa uumuu ibsaniiru.
 
Adoolessa 15, 2012 eegalee sakandii tokkotti bishaan meetir Kiiyuubiin 60 gadi dhiifamaa turus hangi bishaanii dabalaa dhufuu isaan yeroo ammaatti sakandii tokkotti bishaan meetir Kiiyuubiin 625 gadi dhiifamaa jira jedhen obbo Disaasaan.
 
Buufanni madda Humna Elektirikaa Awaash 3 waggoota 49 tajaajila laachaa ture yeroof tajaajila dhaabuu isaa dubbataniiru.
 
Buufanni madda Humna Elektirikaa Awaash 3ffaan Humna Elektirikii Meegaa Waatii 32 maddisiisa.
 
Meeshaaleen Elektiroo makaanikaalii isaa hedduun bishaaniin waan liqimsamaniif hanga miidhaa qaqqabee beekuun hin danda’amne jedhan.
 
Oduu walfakkaatuun Buufanni Madda Elektirikaa Awaash 2ffaan sababa Aramaan uwwifamaneen Adoolessa 23, 2012 eegalee tajaajila dhaabeera jedhan obbo Disaasaan.
 
Rakkicha furuuf aramicha hojiin qulquleessuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
 
Balaa uumamaa yaa’a laga Awaash mudate itti fufiinsaan furuuf qindoominni kan barbaachisuu ta’uu ibsaniiru.
 
Buufataaleen madda anniisaa yaa’a laga Awaash sadan walitti Humna Elektirikii Meegaa Waatii 107 kan maddisiisan ta’uu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment