Buufanni Chaarjii konkolaattota elektirikii fageenya kiiloo meetira 50 irratti akka hundaa’u murtaa’e

Finfinnee, Amajjii 2, 2017 (FMC)- Sadarkaa biyyaalessaatti Buufanni Chaarjii konkolaattota elektirikii garaagarummaa fageenya kiiloo meetira 50 fi 120 irratti akka hundaa’u murtaa’eera.

Hoji Raawwachiisaan Damee To’annoo Inarjii Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii Baahiruu Oljirraa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif akka ibsanitti, qajeelfamni to’annoo sirna chaarjessa konkolaattota elektirikii tibbana Ministeera Haqaan ragga’eera.

Qajeelfamichi kenniinsa eeyyamaa, taarifa tajaajila chaarjii, sadarka dhiyeessii humnaa fi nageenyummaa kan hammate ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa bakkeewwan chaarjessaa akaakuu sadii akka jiran eeranii, kunneenis manatti chaarjessuu, dhaabbilee fi waajjiraaleetti ammoo daldalaaf kan hinoollee konkoalaattota chaarjessuuf kan oolu ta’uu kaasan.

Dabalataan ummataaf yookaan kaayyoo daldalaaf bu’uuraalee chaarjii ijaaruun kaffaltii tajaajilaa kan walitti qaban ta’uu dubbatan.

Kanneen kaayyoo daldalaaf hundeeffaman bakka chaarjessaa, dandiilee ariitii irratti garaagarummaa kiiloo meetiraa 50 irratti kallattii lameeniin(Bitaa fi Mirgaan) akka hundeeffaman himaniiru.

Gama biraatiin konkolaattota guguddaa fi Awutoobisootaaf dandiilee ijoo fi daandiilee ariitii irratti garaagarummaa kiiloo meetira 120 irraatti akka hundeeffaman murtaa’uu eeraniiru.

Hanga ammaatti buufataalee chaarjiif eeyyamni bakkaa kan hinkennamne ta’uu ibsanii, ta’us kanaan dura qaamoleen bakka chaarjii hundeessan guyyaa qajeelfamichi ragga’ee kaasee baatiiwwan ja’a keessatti eeyyama argachuu akka danda’an hubachiisaniiru.

Masaafinti iyyaayyuutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment