Buufanni Anniisaa Qilleensaa Adaamaa bara baajatichaatti anniisaa Weeggaa Waattii 133.75 maddisiiseera

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Buufanni Anniisaa Qilleensaa Adaamaa bara baajataa 2014 Giiggaa Waattii 144 maddisiisuuf karoorfamee, Giiggaa Waattii 133.75 maddisiisuun ibsame.

Hojigaggeessituun Buufataa Anniisaa Qilleensaa Adaamaa Lakkoofsa 1 Aadde Ayinaalam Waldamikaa’eel, buufatichi karoora isaa %92.88 milkeessuu danda’eera jedhan.

Hojiin suphaa meeshaalee anniisaa maddisiisanii baasii buufatichaan gaggeeffamuun sharafaa alaa Doolaara kuma 100 hambisuun akka danda’ame eeruu ragaan Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Aniisaa maddisiisu cinaatti, hojiileen dursanii ittisuu, suphaa fi invastimantii karooraa ol gaggeeffamuu ibsaniiru.

Hawaasa naannawicha jiraatuufis carraa hojii uumuun tajaajila geejibaa hanga kiiloo meetira 25tti kennaa jiraachuu Aadde Aayinaalam eeraniiru.

Anniisaa Meeggaa Waattii 51 maddisiisuu kan danda’u Buufanni Anniisaa Qilleensaa Adaamaa Lakkoofsa 1 buufata annisaa qilleensaa jalqabaa Ityoophiyaati.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment