Bureetti warshaan Birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 91 oliin ijaarrame oomisha yaalii eegale

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraatti warshaan Birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 91 oliin ijaarrame oomisha yaalii eegale.
 
Warshichi kan ijaarrame magaalaa Bureetti.
 
Warshichi Dhaabbata Riichlaand jedhamuun kan ijaarramedha.
 
Paarkiin indaastirii warshichaa baasii Birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 91 fi kuma dhibba 2 fi kuma 47 ijaarrame.
 
Warshaan kun guutummaan hojii yoo eegalu zayita nyaataa liitira miiliyoona 22,500,000 gabaa biyya keessatiif ni dhiyeessa.
 
Oomishasaa gabaa alaatif dhiyaaturraa galii Doolaarri miiliyoonni 61 fi kumni dhibbi 6 fi kumni 80 ni argama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment