Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC)-Magaalaa Buraayyuutti bara kana projektoonni buleeyyii fi haaraa 73 hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa ibseera.
Projektiiwwan kunnenis Birrii biliyoonaa 1 oliin hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Projektiiwwan kanneen baajata mana qopheessaa bulchinsaa magaalaa Buraayyuu, bajaataa mootummaa naannoo Oromiyaa fi hirmaannaa hawaasa magaalichaan hojjetamaa jiraachuu himameera.
Projektiwwan magaalichaa keessatti hojjetamaa jiran daandii koobiili , manneen Barnoota Bu’uura Boruu 4, ijaarsa manneen harka qalleeyyii ijaaramaa jiruu fi daandiin aspaaltii Urgaa Shaaqaa kiiloo meetira 5.5 isaan mursaadha.
Projektiiwwan ijaarramaa jiranis gaaffii hawaasaa magaalichaa bu’uura kan godhataniidha jedhu itti aanaa hojii gaggeessaa fi damee misooma magaalaa Buraayyuu Obbo Addisuu Dhugumaan.
Projeektiiwwan ijaaramaa jiran kanneen irratti dargaggoonni hojii hin qabne kumni 2 fi 700 ol waldaan gurmeessuun carraa hojii akka argatan taasifameera jedhu obbo Addisuun.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.