Buqqatoonni magaalaa Dabra Birhaan turan gara qe’eesaaniitti deebi’aa jiru

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- lammiileen qe’ee isaaniirra buqqa’uun kaampii da’aannaa 12 keesaa turan kaampii da’aannaa 9 keessaa kan turan gara qe’ee isaaniitti deebi’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksiseera.

Daayrektarri hariiroo uummataa Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Dabbabaa Zawdeen Faanaa Broodkaasting Koorporeet waliin turtii taasisaniin, lammiileen kaampii sagal keessaatti da’aatanii turaan kumni dhibbi 4 fi kumni 55 ol gara qe’eesaaniitti deebi’uu ibsaniiru.

Deebitoonni kunneen lammiilee magaaloota Dassee, Kombolchaa fi iddoowwan adda addaarra sababa waraanaatin buqqa’aan ta’uu daayrektarichi himaniiru.

Yeroo itti aanuuttis lammiilee sababa waraanaatin miidhaman tumsuuf dhaabbilee garaagaraa, diyaaspoorota biyya alaa jiraataanii fi michuuwwan Ityoophiyaa waliin hojjechuuf qophiin taasifamuu himaniiru.

Sisaay Geetinnatitu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment