Buqqaatota Magaalaa Baambiis waliin Ayyaanni Qillee kabajame

Finfinnee, Mudde 16, 2015(FBC)-Naannoo Beenishaangul Gumuuz Magaalaa Baambiisitti godaantotaa argaman waliin Ayyaanni Qillee kabajame.

Waajjirri Qindeessaa Nageenyaa fi Misoomaa Waloo Naannoo Oromiyaa, Beenishaangul Gumuzii fi Gaambeellaa aayyaanicha buqqaatotaa Magaalaa Baambiis waliin kan kabaje yoo ta’u, koonfiraansiin hariiroo ummataas gaggeeffameera.

Saganticharratti Bakka Bu’aan Pireezidaantii Naanno Beenishaangul Gumuuz Obbo Ashriif Haajii hariiroon ummataa fi ummataa naannolee sadeenii baroota lakkoofsisee walitti hidhaminsa hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdeen kan ijaarameedha jedhan.

Naannoleen kunneenis misoomaan kan walitti hidhaman yoo ta’u, Naannoon Oromiyaa Manni Barnootaa Bultii Naannoo Beenishaangul Gumuuz Godina Asoosaattii ijaarsise argisiistuu ta’uu kaasaniiru.

Waliinjireenya kanas itti fufsiisuun akka barbaachisu Obbo Ashriif hubachiisaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Misoomaa fi Nageenya Waloo Naannolee Sadanii Obbo Firoomsaa Solomoon sagantichi kan qophaa’eef buqqaatonni mana isaaniirraa buqqa’anii buufata qubannaa jiran ayyaanicha gammachuun akka dabarsaan yaadamee ta’uu ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Baambiis Obbo Fayisal Alii gama isaaniin, ummatoonni naannolee sadanii hariiroo baroota dheeraa akka qaban ibsanii buqqaatota magaalichatti argamanis hawaasnii fi mootummaan cinaa isaan kan dhaabbatu ta’uu fi deeggarsa taasisus kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Zaman Bayyanaatu Gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3fjfcxr

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment