Buqqaatoonni marsaa jalqabaa Afgaanistaan Ugaandaa ga’an

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Buqqaatoonni marsaa jalqabaa Afgaanistaan 51 Ugaandaa ga’aniiru.
 
Buqqatoonni marsaa jalqabaa Afgaanistaan Xiyyaara dhuunfaan har’a ganama Buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Inteebbee ga’uu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Ugaandaa ibseera.
 
Afgaanistaannoonni kunneen Ugaandaa boqachuun Ameerikaa dabalatee biyyoota garaagaraatti kan imalan ta’uu ministeerichi himeera.
 
Buqqaatota kanneeniif qorannoon Covid -19 taasiifamee hanga balallii itti aanu taasiisanitti iddoo tursaa keessa kan turan ta’uu eerameera.
 
Taalibaan Afgaanistaan to’achuu hordofee walitti bu’iinsa uumameen lammiileen buqqa’an karaa Ugaandaan gara Ameerikaa fi biyyoota biroo akka imalan Mootummaan Ameerikaa Ugaandaa tumsa gaafachuu himameera.
 
Buqqaatoonni har’a Ugaandaa ga’an kunneen yeroo hangamiif akka turan wanti beekkame hin jiru jedhame.
 
Maddi:-BBC
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment