Finfinnee, Amajjii 19, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Gorsaa Addaa Dhimma Buqqaattota Biyya Keessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Roobart Paayparn waliin mari’atan.
Mariisaaniin buqqaatii biyya keessaa waaraan furuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran akkasumas bal’ichi wayita uumamu ittisuuf tarsiimoowwan mootummaan hojiirra oolchaa jirurratti mari’ataniiru.
Mootummaan buqqaatii sababoota nam-tolcheefi uumamaan dhufan hambisuufi wayita balichi uumamu miidhaa qaqqabu hir’isuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu obbo Dammaqaan kaasaniiru.
Bakkeewwan rakkichi mudatutti hojiilee misoomaa furmaata waaraa fiduuf gargaaraan irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Gorsaan Addaa Dhimma Buqqaattota Biyya Keessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Roobart Paayparn gamasaaniin, dhaabbanni isaanii mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii Ityoophiyaan buqqaatii biyya keessaaf furmaata kennuuf hojjechaa jirtu biyyoota biroof fakkeenya kan ta’u ta’uu eeraniiru.
Tattaaffii hundagaleessa mootummaan taasisu faayinaansiifi ijaarsa dandeettiin deeggaruuf waadaa galuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.