Bunni Ityoophiyaa leenjisaa isaa Tamasgeen Daannaa gaggeesse

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC) – Kilabni Kubbaa Miilaa Buna Ityoophiyaa leenjisaa isaa Tamasgeen Daannaa gaggeessuu ifoomse.

Kilabichi qabxii gadi aanaa galmeessaa dhufuu hordofee Leenjisaa Tamasageen gaggeeffamuu isaanii ibsameera.

Kilabni Kubbaa Miilaa Buna Ityoophiyaa bara kana taphoota 10 hanga ammaatti taphate keessa afur injifatamuun afur injifachuun lama qixa ba’uun qabxii argachuu qabu 30 keessaa 14 qofa walitti qabachuun sadarkaa 9ffaarratti argama.

Hoggantoonni kilabichaa guyyooya itti aanaan 11 keessatti leenjisaa haaraa ni muuduun eeagama.

Maddi:- Sookar Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment