Bunni Ityoophiyaa hirmaannaa taphoota Waancaa Konfedereeshinii Afrikaa bara 2021/2022 argachuu mirkaneeffate

Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiingii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 26ffaa har’a gaggeeffameen Magaalaan Adaamaa fi Bunni Ityoophiyaa goolii 1 qixa ba’aniiru.
Bunni Ityoophiyaa taphoota hanga ammaatti taphateen qabxii 41 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaan dorgommii barichaa xummureera.
Kilabichi hirmaannaa taphoota Waancaa Konfedereeshinii Afrikaa bara 2021/2022 argachuu mirkaneeffateera.
Taphataan sarara fuulduraa Buna Ityoophiyaa Abbuubakar Naasiir bara taphichaa goolii 29 lakkoofsiisuun taphataa galchii olaanaa liigichaa ta’uu danda’eera.
Magaalaan Adaamaa, Abbaa Jifaarii fi Walxiixxeen gara Liigii olaanoo biyyaalessaatti gadi bu’uun isaanii kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment