Buna Dhandhama addaan leellifamu

Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)- Dureeyyiin biyya keessaa fi alaa Naannoo Oromiyaa Godina Gujii Aanaa Qarcaatti haala qophii fi misooma buna dhandhama addaa qabu daawwatameera.

Obbo Mahaammad Abaawudaan Dureessa Yoordaanoos Buna Itiyoophiyaa gabaa alaatti dhiheessan yoo ta’an, Bunni Itiyoophiyaa dhamdhama addaa qabu qulqullinaa fi dhamdhama isaan kan addunyaa biroorraa adda waan ta’eef gabaarratti barbaadama ta’uu himaniiru.

Barbaadamummaan isaa dabaluun immoo oomisha baay’inaan gabaa alaatti erguun sharafa alaa argamsiisuu qofaa osoo hin taane oomishitoonnii fi dureeyyiin caalaatti fayyadamoo taasisa jedhu.

Buna dhamdhama addaa qabu kanas gabaa Jaappaan, Ameerikaa, Kooriyaa fi biyyoota birootti dhiheessa jirachuu eeraniiru.

Abbaan Qabeenyaa Dhaabbata Dhiheessii fi Ala Ergii Buna Saaraa Obbo Sa’iid Daamxoow bunni dhamdhama addaa qabu kun sadarkaa idil addunyaatti oomisha barbadamummaan sadarkaa duraarratti argamudha jedhu.

Dureeyyii fi dhaabbilee biyya alaa waliin ta’uun buna qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate gabaaf dhiheessuuf beeksisaa jirachuu himaniiru.

Deeggarsa mootummaan gama hundaan dureeyyiif taasisaa daran akka hojjetan kakaasuu dubbatu.

Bara kana buna dhamdhama adda qabu toonii kuma 10 gabaa giddugaleessaaf dhiheessuuf karoorfame keessa hanga ammaatti buna toonii kuma 2 fi 500 walitti qabuu beeksisaniiru.

Bulchaan Godina Gujii Obbo Aduulaa Hirbaayyee barana godinichatti oomishi dachaan akka argamu kan eegamu ta’uu himaniiru.

Godinichatti indaastiriiwwan buna jiidhaa fi gogaa 200 ol jiraachuu eeruun dhiheesii buna dhamdhama addaaf qophii taasisaa jirus jedhaniiru.

Godinichatti oomisha walitti qabamuuf karoorfame keessaa toonii kuma 100 fi kuma 13 gabaa biyyaa keessaa fi alaaf karoorfamuu eeraniiru.

Buna Gujii uumamaa fi dhamdhama addaa qulqullina olaanaa qabu, fayyadamtoota biyya keessaa, dhabbilee fi dureeyyii biyya keessaa fi alaatti hojiin beeksisuu hojjetama jirachuu ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment