Buna baay’inaafi qulqullinaan oomishuun gabaa biyya keessaafi alaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira – BQO

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) –Buna baay’inaafi qulqullinaan misoomsuun gabaa biyya keessaafi alaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.

Bara kanas, sassaabbii bunaa xiyyeeffannoo hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, Godina Jimmaa Aanaa Gommaattis hojiin sassaabbii bunaa haala gaarii ta’een raawwatamaa jiraachuu ibseera.

Akka Godina Jimmaatti bara kana buna Toonii 228,000 argachuuf hojjetamaa jiru keessaa tooniin kumni 62 gabaa giddu-galeessaaf dhiyeessuuf karoorfatameera jedhame.

Qulqullina bunaa eeguuf waarshaan buna miiccu 320 akka godinichaatti hojiin eegaluu fi namoota hedduuf carraa hojii uumaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment