Bulchinsi magaalichaa ‘Daandii Nageenyaa’ moggaase

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) –Bulchiinsi magaala Finfinnee Daandii haaraa sadarkaa isaa eeggatee ijaarame Uraa’el irraa gara ‘Walloo safar’ geessuu “Daandi Nageenyaa” jechuun moggaase.

Sagantaan moggaasa daandichaa, bakka Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministirri Ministeeraa Nageenyaa Obbo Binnaalf Anduuwalam, Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee fi qondaaltonni olaanoo biroon argamanitti gaggeeffameera.

Sagantichaarratti Kantiibaa Adaanech, kaayyoon daandicha moggaasuu, imalli Ityoophiyaa nageenyaa ta’uu addunyaaf akeekuudha jedhan.

Har’as Ityoophiyaan nageenyaaf harki diriirsite akka hindachaane himan.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalf Anduuwaalam gama isaaniin, hoggantoonni bulchiinsa Magaalaa Finfinnee nageenyaaf bakki olaanaan kennanii fi moggaasa daandichaaf galateeffamuu qabu jedhan.

Dabalataanis, nageenyaaf wareegama barbaachisu kaffaluun tokkummaa fi nageenya waaraa biyyattii mirkaneessuun hundarraa gahee eegamu waan ta’eef, hunduu qophii taasisuun irraa eegama jechuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment