Bulchinsi magaalaa Finfinnee fi mootummaa naannoo Hararii ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee fi Preezdaantiin mootummaa naannoo Hararii obbo Oordiin Badriin hidhi haaromsaa guddichi anniisaa maddisiisuu eegaluu ilaalchisee  ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Hidhi haaromsaa guddichi guyyaa har’aa anniisaa maddisiisuu eegaluu isaatiin jiraattonni magaalaa keenyaa, uummanni Ityoophiyaa martii fi michuuwwan Ityoophiyaa hundi baga gammadne jedhan aadde Adaanech ergaasaaniin.

Bakki hidhi haaromsaa guddichi itti argamu Guubaan bakka barri  ifa Ityoophiyaa darbees Afrikaa irraa labsame ta’uu kaasaniiru.

Preezdaant Oordiin gamasaaniin Hidhi haaromsaa guddichi anniisaa maddisiisuu eegaluun Ityoophiyaanonni boqonnaa ifaa fi seenaa haaraa irra jiraachuu isaanii kan labsudha jedhaniiru.

Boqonnaa haaraa fi calaqqeen ifaa kun rakkoo walxaxaa Ityoophiyaan yeroo ammaa keessa jirturra guddummaa, badhaadhina fi tokkummaa egeree  Ityoophiyaa kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Proojektichi jalqabbii isaarraa eegalee sadarkaa kanarra hanga ga’utti deeggarsa taasisaniif Ityoophiyaanota hunda keessumaa uummata naannichaa galateeffataniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment