Bulchiisni odeeffannoo magaaloota 6 dhiyeenyatti hojii  ni eegala

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2013 (FBC)- Bulchiisni odeeffannoo magaaloota 6 dhiyeenyatti hojii  ni eegalaa jedhameera.

Bulchiisni odeeffannoo kun magaaloonni ofiisaanii akka beeksisan, hojii hojjetaan ummaanni akka beekuu, tajaajilli laataan akka beekamuu, namoonni biyyaa alaarraa dhufan odeeffannoo guutuu akka argataan kan dandeessisuudha jedhameera.

Kanaafis bulchiinsi odeeffannoo magaaloota Finfinnee, Dirree Dawaa, Adaamaa Baahir Daar fi Arbaa Mincii ofiisaanii bulchuu akka danda’aan ogeeyyiif hoggansaa inistityuutiin leenjii laatamaafi jira.

Leenjiichi magaaloonni bulchiinsa odeeffannoo akka hogganaan, odeeffannoo akka kusaan, fooyya’iinsaa haaraa akka dabalan, itti fayyadamaasaa akka baraniifidha jedhameera.

Mininistira Ministeera Teeknooloojii fi Innooveeshiniitti daayreektarri sagantaa tiraanisfoormeeshinii dijiitaalaa Dooktar Abiyoot Baayyuu, bulchiinsi odeeffannoo magaalootaa lammiileen odeeffannoo ga’aa akka argatanii fi magaaloonni guddina isaani akka aarifaachiisaani dandeetti guddaa ni uumaa jedhaniiru.

Yeroo itti aanuuttis magaaloonni biroon bulchiinsa odeeffaannoo akka qabaataanif kan hojjetamuu ta’uu ragaan Ministeera Teeknooloojii fi Innooveeshiniirra argmee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment