Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasiifamu mootummaa Federaalaaf gaaffii dhiyeesse

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasiifamu mootummaa Federaalaaf gaaffii dhiyeessuu ibse.
Bulchiinsi yerichaa mootummaan Federaalaa haala bu’uura namoomaa giddu galeeffatee fi miidhaa dabalataa haala hin qaqqabsiisneen waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka taasiisu gaaffii dhiyeessuu beeksiise.
Waktiin gannaa seenaa jiraachuu isaan qonnaan bultoonni bifa tasgabbii qabuun hojii qonnaa akka raawwatanii fi deeggarsi namoomaa lammiilee miidhamaniif sirnaan akka qaqqabu furmaata siyaasaa haala yeroo madaalu laachuuf mootummaan Federaalaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka taasiisu Hojii Raawwachiisa Olaanaan Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Dooktar Abrahaam Balaay gaafataniiru.
Bulchiinsi yerichaa haala waktaawaa naannichaa ilaalchisee bakka bu’uuta ummata naannichaa, hoggantoota godinaalee, dhalattoota naannicha iddoolee garaagaraatti argaman, hayyoota, abbootii qabeenyaa fi abbootii amantaa waliin marii erga taasiisee booda gaaffii kana ifatti dhiyeessuu himameera.
Gareen Shororkeessaa ABUT naannichattis ta’ee akka biyyatti rakkoo walxaxaa waraanaa qofa osoo hin taane Siyaasaa, diingadee fi Hawaasummaa uumuu kan ibsan Dooktar Abrahaam, hanga ammaatti mootummaa federaalaa fi bulchiinsa yerichaan furmaanni garaagaraa fudhatamaa turuu ibsaniiru.
Tarkaanfii duula olaantummaan seeraa kabachiisuu fudhatame dabalataan gama seeraan furmaata seeraa laachuuf garee badii kana keessaa yakkamtoota adda foo’uun gara seeraatti dhiyeessuuf hojiin hojjetamaa turuu eeraniiru.
Yaa ta’uutii faayidaa fi nageenya ummataa eegsiisuuf jecha gaaffii waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana mootummaa Federaalaaf dhiyeessuu bulchiinsi yerichaa ibseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment